Berhan Blind Boarding Secondary School
Announcement Simannaa Barattootaa/የተማሪዎች ቅበላ

Simannaa Barattootaa/የተማሪዎች ቅበላ

07th September, 2025

ጳጉሜ 01፣ 2017 በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር  ትምህርት ቢሮ ብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ ትምህርት ቤት ለ2018  ትምህርት ዘመን ተማሪዎችን በመቀበል ላይ መሆኑ ገለፀ፡፡

ተማሪዎቹ ከተለያዩ ክልልና ከተማ አስተዳደር የሚመጡ ሲሆን ተማሪዎቹን ለመቀበል ትምህርት ቤቱ አስፈላጊዉን ዝግጅት ጨርሶ ወደ ስራ የገባ መሆኑን የገለፁት የትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር ወይዘሮ ዉብአለም ደበበ የቅበላዉን ሁኔታ ስኬታማ ለማድረግ ከክልልና ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮዎች  ጋር ሰፊ ዉይይት መደረጉ  የዚሁ ዝግጅት አካል መሆኑን ተናግረዋል፡፡ 

በተጨማሪም ተማሪዎችንና ቤተሰቦቻቸውን እንዲሁም የክልል ተወካዮችን በመቀበል የተሳካ አገልግሎት በቅንጅት ሲሰጡ ለነበሩ ለትምህርት ቤቱ ማህበረሰብ በሙሉ ልባዊ ምስጋናቸውን በመግለፅ ይህ ጅማሮ ተማሪዎችን በማብቃት ሂደትም ተጠናክሮ እንዲቀጥል አሳስበዋል፡፡

የትምህርት ቤቱ የአካዳሚክ ዳይሬክተር የሆኑት አቶ ሰለሞን ሆርዶፋ በበኩላቸው የመጡ ተማሪዎችን መረጃ በተገቢው የማጣራት ስራ እንዲሰራና በወላጆቻው ወይንም በክልል ተወካዮች አማካኘኝነት የአራትዮሽ ውል በመግባት ተማሪዎች ካሁኑ አቅደው እንዲንቀሳቀሱ አሳስበዋል፡፡

የትምህርት ቤቱ የተማሪዎች አገልግሎት ዳይሬክተር የሆኑት ወይዘሮ በልዩ አያሌዉ በበኩላቸዉ ለ2018 ትምህርት ዘመን ተማሪዎችን ለመቀበል በክረምት ወቅት ብዙ የዝግጅት ስራዎች መሰራታቸዉን ገልፀዉ 156 ሴት ተማሪዎችና 156 ወንድ ተማሪዎች በድምሩ 312 ተማሪዎችን ለመቀበል የሚያስችል  ማደሪያ ክፍል መዘጋጀቱንና   በዛሬዉ ዕለት የገቡ ተማሪዎችም   በጤና ባለሙያዎች የጤና ምርመራ ተደርጎላቸዉ ወደ ማደሪያ ክፍላቸዉ እየገቡ መሆኑን ገለፁ፡፡

አክለዉም፣ በትምህርት ቤቱ የሚሰጠዉን የተማሪዎች አገልግሎቱን የተሟላ ለማድረግ  የወንዶችና የሴት  ተማሪዎች ሞግዚቶች እንዲሁም የመኝታ ክፍል ተቆጣጣሪዎች በቅርበት የሚከተተሉ መሆኑን ግለፁ፡፡

የትምህርት ቤቱ የክሊኒክ ኃላፊ አቶ ኢጉ  አበበ ተማሪዎቹ ወደ ግቢ እንደ ገቡ የጤና ምርመራ ስለመደረጉ መረጃ ስሰጡ እንደተናገሩት፣ የጤና ምርመራው የተማሪዎችን የጤና ሁኔታ ለማወቅ፣ ተላላፊ በሽታዎችን ለመከላከል፣ የጤና ችግሮችን ለመለየት ፤ ከተላላፊ በሽታ ተማሪዎችን ለመጠበቅ እና ተገቢውን ድጋፍ ለመስጠት እንደሚረዳም ተናግረዋል፡፡

በትምህርት ቤቱ ማህበረሰብ ለተማሪዎች፣ ለተማሪ ወላጆችና ተማሪዎቹን ላመጡት የክልል ትምህርት ቢሮ ተወካዮች ደማቅ አቀባበል ተደርጎላቸዉ ግቢዉን የማስጎብኘት ስራ ተሰርቷል፡፡

Qaammee 01/2017 Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti  Manni  Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan  bara barnootaa 2018’f barattoota simachaa jiraachuu beeksise.

Barattoonni kun naannooleefi bulchiinsa magaalaa adda addaa irraa kan dhufan yoo ta’u, manni barumsichaa barattoota simachuuf qophii barbaachisu xumuree jiraachuu kan ibsan  Daarektarri olaanaa mana barumsichaa Aadde Wubaalem Dabbabee  akka jedhanitti, adeemsa galmee milkeessuuf Biiroo Barnootaa Naannoleefi Bulchiinsa Magaalotaa waliin marii bal’aan adeemsifamaa turan  qaama adeemsa kanaa  ta’uu ibsaniiru.

Itti dabaluunis hawaasa mana barumsichaa waloon  barattoota, Maatii barattootaafi  bakka bu'oota Biiroo Barnootaa naannolee irraa  dhufan simachuun hojicha milkeessan galateeffatanii hojii barattoota gahoomsuu keessattis haaluma Kanaan akka itti fufan dhaamaniiru.

 

Daarektarri Akaadaamii mana barumsichaa obbo Solomoon Hordofaa gama isaaniitiin ragaan barattoota dhufanii haalaan qulqullaa’uu akka qabuufi  maatii ykn bakka bu'oota naannoolee waliin waliigalteen qaama afurii mallatteessuun barattoonni ammumarraa karooraan socho’uu akka qaban dhaamaniiru.

Daarektarri Tajaajila Barattootaa mana barumsichaa Aadde Baliyyuu Ayyaloo akka jedhanitti bara barnootaa 2018’f barattoota simachuuf yeroo gannaa hojiin qophii hedduun hojjetamaa turuu ibsanii,  Barattoota 312 keessummeessuuf kutaawwan ciisichaa dubaraa 156fi dhiirota 156 qophaa’uusaafi  barattoonni har’a seenan ogeessota fayyaatiin sakatta’amuun haalli fayyaa isaanii qoratamee gara kutaa ciisichaa isaaniitti  seenaa jiraachuu himan.

Itti dabaluunis, kunuunsitoonni  dhiiraafi dubaraa, to’attoonni kutaawwan ciisichaa tajaajila barattootaa guutuu taasisuuf  itti dhiyeenyaan hordofaa kan jiran ta’uus dubbatan.

Itti gaafatamaan kilinika mana barumsichaa obbo Iguu Abbabee  barattoonni akkuma mooraa seenaniin qorannoon fayyaa akka taasifamu ibsuun, qorannoon fayyaa kun haala fayyaa barattootaa adda baasuuf, dhibee daddarboo ittisuuf, rakkoo fayyaa adda baasuun deeggarsa barbaachisaa ta’e kennuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.

Hawaasni mana barumsichaa barattoota, Maatii barattootaafi  bakka bu'oota Biiroo Barnoota naannolee irraa  barattoota fidaniif simannaa ho'aa taasisuun, mooraa mana barumsichaa daawwachiisaniiru.

.

Copyright © All rights reserved.

Created with