አዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ ብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት ለት/ቤቱ የጤና ባለሙያዎች ከጥሩነሽ ቤጂንግ ሪፈራል ሆስፒታል ጋር በመተባበር ‘ኢንፌክሽን መከላከልና መቆጣጠር’ ላይ ስልጠና ተሰጠ።
ስልጠናው ለአራት ተከታታይ ቀናት ተሰጥቷል የጤና ባለሙያዎች በሽታን ከማከም ይልቅ መከላከል ላይ ትኩረት ሰጥተው እንዲሰሩ ለማድረግ የሚያስችል መሆኑ ተነገረ።
የትምህርት ቤቱ አመራሮችም በዛሬው እለት በስልጠናው ማጠቃለያ ላይ ተገኝተው ለአራት ቀናት ያለማቋረጥ በስልጠናው ላሳዩት እና ቤጂንግ ሪፈራል ሆስፒታል እስካሁን እየሰራ ላለዉ ስራ ምስጋና አቅርበዋል።
Biiroo Barnoota Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birhaanitti ogeeyyii fayyaa mana barumsichaatiif leenjiin mata duree ‘Infection Prevention and monitoring’ jedhu irratti wal ta’iinsa Hospitaala Riferaalaa Xurunesh Beejingiitiin kenname.
Hundeeffama mana barumsichaa irraa eegalee ogeeyyiin fayyaa barattoota mana gara barumsichaatti gola biyyattii gara garaa irraa dhufaniif ogeeyyiin fayyaa mana barumsichaatti ramadamanii hojjechaa kan jiraniifi yaala fayyaa akkasumas, gorsa gama fayyaatiin hawaasa mana barumsichaaf kennuufi iittisa dhibee irratti hojjetamaa jirachuun ni yaadatama.
Leenjichi guyyoota walitti aanan afuriif kennamaa kan ture yoo ta’u ogeeyyiin fayyaa Gama ittisa dhibeetiin hawaasa isaanii ga’oomsuufi barsiisuu irratti xiyyeeffachuun dhibamanii yaalamuurra dhibee ittisuu irratti akka xiyyeeffatan taasisuuf kan gargaaruudha jedhame.
Guyyaa har’aa xumura leenjiichaa irraatti hoggansi mana barumsaas argamuun nuffii malee leenjicha irratti turtii guyyoota afurii taasisaniifi hojiilee hanga ammaatti hojjetaa jiraniif galateeffatanii tumsa karaa Hospitaala Riferaalaa Xurunesh Beejingiitiin taasifamaa jiruuf galanin keenya guddaadha jedhan.



.