(Ebla 13/2017) Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Mana barumsaa bulti qaro dhabeeyyii Birahaan sadarkaa 2ffaatti dhaabbata idil-addunyaa kenninsa tajaajila lammummaa irratti hojjetu kan deggarsa Qaro-dhabeeyyii irratti xiyyeffate ‘You Cane Give Initiative’ jedhamu keessa namootni hojii leenjii ‘Moobilitiifi Ispoortii irraatti bobba’uun hojjetan barattoota mana barumsichaaf muuxannoo jireenya isaanii qoodaniiru.
Mana barumsichaatti daayirektera olaantuu kan ta’an aadde Wubaalem Dabbabee, manni barumsaa keenya dhaabbileefi namoota dhuunfaa gara garaa muuxannoofi bu’aa ba’ii jireenyaa keessa darban barattoota keenyaaf akka qoodan taasisaa kan tureefi ammas irratti hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, dhaabbata ‘You Cane Give Initiative’ jedhamu keessaa barattoota qaro-dhabeeyyii leenjii Ispoortiin ga’oomsuufi miira nan danda’aa isaan keessatti uumuuf namootni hojjetan mana barumsaa keenya waliin hojjechuufi barattoota keenya ga’oomsuuf muuxannoo jireenyaa isaanii qooduuf qophii ta’uu isaaniif galteeffatanii barattoonis carraa kanatti fayyadamuu akka qaban dhaaman.
Dhaabbata ‘you cane Initiative’ biyya Ameerkaatti argamu keessatti leenjisaa Atileetiksii qaro dhabeeyyii kan ta’an Biilii Aguuree fi haati warraa isaanii jabaatanii hojjechuufi rakkoo kamiifu harka kennuu akka hin qabne barattootaaf dhaaman.. Haati warraa Biilii Aguuree haasaa gooteen ani qaro- qabeessas ta’u, abbaan warraakoo qaro-dhabeessadha; nama haalaan of hin daangessinefi ciminni irraa mul’atuudha; kanaafis ani nama addaa kana argachuukoof gaammchuun qaba jedhan.
Barattoonni mana barumsichaas bu’aa ba’ii jireenyaafi muuxannoo isaanii qooduun yaadaafi gaaffii qabanis bal’inaan kaasaniiru.
Dhaabbata ‘you cane Initiative’ biyya Ameerkaatti argamu keessa kan hojjetan obbo Moses muuxannoofi bu’aa ba’ii barattoonni waan keessa darban irraa qoodan erga caqasaniin booda haasaa xumuraa taasisaniin, ani barattoota kanaaf dinqisiiffannaa addaan qaba jedhaniiru. Iccitii dinqifannaa isaanii yoo kaasan obbo Moses, rakkoowwan jiran keessa darbuuf cichoomina isaan qabaniifi yaa’iinsa yaadaa isaan haala keessadarban ibsuufi muuxannoo isaanii qooduuf taasisan as keeessa hayyootni Siyaasaa, Seeraafi geggeessitootni jiraachuu isaaniitiif agarsiistuudha jedhan.
Itti dabaluunis,rakkoon qaamaan miidhamaas ta’ee warreen kaanis ni mudata; kanaaf rakkoo isinitti dhufu mara qama miidhamtummaa keessan waliin walitti hidhuuuun akka hin barbaachifneefi rakkoo qaama miidhamtummaa keessaniin isinirra ga’uuf ammoo nama biraa irraa fala eeguurra qaama fala argamsiisuufi mirgasaaf falmus ta’uun dirqama jedhaniiru.
Mana barumsaa kana waliin hojiilee hedduu hojjechuuf karoora kan qaban yoo ta’u gara fuulduraattis deggarsa yaadaa, qabeenyaafi carraa daawwannaa barattootaaf mijeessuun muuxanoo biyya keessaafi alaa waliif qooduun itti fufnee waliin ni hojjenna jedhan obbo Moses.
Daayirektarri walii gala Mana barumsichaa aadde Wuubaalem haasaa isaanii xumuraatiin dhaabbata kana waliin turtii guyyoota afuriitiin waaree booda sa’a 9:30 booda leenjiiwwan ‘Moobiiliitii’tiifi fedhii addatiin kennamu akka jiru eeruun dhaabbataichi mana barumsihaa waliin hojjechuu isaatiif galateeffataniiru.
(ሚያዚያ 13, 2017) ዩኬን ጊቭ ኢኒሼቲቭ ዓይነስዉራንን በመደገፍ ላይ ያተኮረ አለም አቀፍ አገልግሎት ሰጪ ድርጅት በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ ብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት ተማሪዎች የህይወት ተሞክሮዎችን አቅርቧል::
የትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር ወይዘሮ ውብአለም ደበበ እንደተናገሩት ትምህርት ቤቱ የተለያዩ ተቋማትና ግለሰቦች ልምዳቸውን እና የህይወት ተሞክሮዋቸዉን ለተማሪዎቻችን እንዲያካፍሉ ስናደርግ የነበረ ሲሆን በአሁኑ ወቅት የአካል ጉዳተኛ ተማሪዎችን በስፖርት ስልጠና ለማብቃት እና የእችላለው ስሜት በዉስጣቸዉ እንድፈጠር ‹ዩኬን ጊቭ ኢኒሼቲቭ › ውስጥ የሚሰሩ ሰዎች ከት/ቤታችን ጋር ለመስራትና የህይወት ልምዳቸውን በማካፈል ተማሪዎቻችንን ለማብቃት ዝግጁ በመሆናቸዉ ታማሪዎቹ ይህንን እድል እንዲጠቀሙ መልዕክት አስተላልፏል፡፡
በአሜረካ የሚገኝ ‹ዩኬን ጊቭ ኢኒሼቲቭ › ድርጂት ዉስጥ የዓይነ-ስውራን የአትሌቲክስ አሰልጣኝ የሆኑት ቢሊ አጉይሬ እና ባለቤቱ ተማሪዎቹ ጠንክሮ እንዲሰሩ እና በማንኛውም ችግር ተስፋ እንዳይቆርጡ በሁሉም ነገር ራሳቸዉን ማብቃት እንዳለበቻዉ መከሩ፡፡
እኔ ዓይነ ስውር ባልሆንም ባለቤቴ ዓይነ ስውር ነው ስትል የተናገረች የቢሊ አጉይሬ ባለቤት ባለቤቴ ብረቱና አስተዋይ በመሆኑ እርሱን በማግባቴና ልዩ ሰው በማግኘቴ ደስተኛነኝ በማሌት ተናገረች፡፡
የትምህርት ቤቱ ተማሪዎችም የህይወት ውጤቶቻቸውን እና ልምዶቻቸውን በማካፈል ሀሳባቸውን እና ጥያቄዎቻቸውን በዝርዝር አንስተዋል።
በዩኤስ አሜሪካ በሚገኘው ‹ዩኬን ጊቭ ኢኒሼቲቭ › ውስጥ የሚሰራው ሚስተር ሙሴ የተማሪዎቹን ልምድና የህይወት ገጠኞቻቸዉን ካዳመጡ በኋላ ለተማሪዎቹ ልዩ አድናቆት እንዳላቸው ተናግሯል። አድናቆታቸውን የገለጹት ሚስተር ሙሴ፣ ከችግር ለመላቀቅ ያሳዩት ቁርጠኝነት እና ልምዳቸዉን ስያከፍሉን የተጠቀሙት የሃሳብ ፍሰት የነገ የፖለቲካ ምሁራን፣ የህግ ባለሙያዎች እና መሪዎች እዚህ እንዳሉ አመላካች ነው ብለዋል፡።
በተጨማሪም, ችግር በአካል ጉዳተኞች ብቻ ሳይሆን ሌሎችንም ያጋጥሟቸዋል; ስለዚህ የሚያጋጥሙአችዉ ችግሮች ሁሉ ከአካል ጉዳተኝነታችሁ ጋር ማገናኘት አይገባም፣ መፍትሄ ሰጭ መሆን አለብሁ፣ ከሌላ ሰው መፍትሄ ከመጠበቅ ይልቅ ለመብታችሁ ራሳችሁመ መታገል አለባችሁ ብለው መከሩ።
በመጨረሻም ከትምህርት ቤቱ ጋር በርካታ ስራዎች ለመስራት ያቀዱ መሆናቸዉን ከገለፁ በኋላ ለወደፊትም የሀሳብና የቁሳቁሶች ድጋፍ እንዲሁም ተማሪዎች በአገር ውስጥና በውጭ ሀገራት ልምድ እንዲቀስሙ የጉብኝት ዕድሎችን እናመቻቻለን ብለዋል ።
በማጠቃለያ ንግግራቸው የትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር ወይዘሮ ውብአለም ድርጅቱ ከትምህርት ቤቱ ጋር አብሮ በመስራት ላይ ስላለው አመስግነው ለአራት ቀናት ከቀኑ 9፡30 በኋላ የሞቢሊቲና የልዩ ፍላጎት ስልጠናዎች እንደሚኖር ተናግረዋል።