በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ ብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት የዓለም አቀፍ የሴቶች ቀን በደማቅ ሁኔታ ተከበረ።
በ2/07/2017ዓ.ም "ፈጣን እና ቀጣይነት ያለው ሁሉን አቀፍ ለውጥ በሴቶች ተሳትፎ ይረጋገጣል" በሚል መሪ ቃል በዓለም ለ114ኛ በኢትዮጵያ ለ49ኛ ጊዜ እየተከበረ የሚገኘውን ዓለም አቀፍ የሴቶች ቀን መነሻ በማድረግ በተቋሙ ተከብሯል።
በመርሐ-ግብሩም የት/ቤቱ ምክትል ኀላፊና የተማሪዎች አገልግሎት ዳይረክተር የሆኑት ወ/ሮ በልዩ አያሌው የመክፈቻ ንግግር አድርጓል።
አያይዘውም ሴቶች በት/ቤታችን እንዲሁም በሀገር ደረጃ እያደረጉ ያሉት አስተዋጽኦ ከፍተኛነውም ብሏል።
በመቀጠልም መርሐ-ግብሩ በሴት ተማሪዎች ተሳታፊነት በቀረቡ ግጥሞች፣ ጭውውት ፣ጥያቄና መልስ፣ ህብረ ዝማሬዎች ፣የሙዝቃ ስራዎች እንዲሁም ቀኑን አስመልክቶ 'የማርች 8' ታሪካዊ ዳራ ፣ዓላማ እና አስፈላጊነት ዙሪያ በመምህርት ኃይማኖት ዋቅጅራ በቀረበ ፅሁፍ በደማቅ ሁኔታ ተከብሯል።
iiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee M/B Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan sad. 2ffaattii Guyyaan Dubartootaa Idil-addunyaa haala ho'aa ta'een kabajamee ooleera.
Guyyaa gaafa 2/07/2017 guyyaa dubartoota idil addunyaa akka addunyaatti yeroo 114ffaaf, Itiyoophiyaatti yeroo 49ffaaf kabajamaa jiru, mata duree "Jijjiiramni hunda galeessi, ariifataa fi itti fufiinsa qabu hirmaannaa dubartootaatiin mirkanaa'a" jedhuun dhaabbaticha keessatti kabajameera.
Sagantaa kana irrattis Mana barumsichaatti itti gaafatamtuu itti aantuu fi Daayirektara tajaajila barattootaa kan ta'an Aadde Baliyyuu Ayyaaleew haasaa baniinsaa taasisaniiru.
Dabalataanis gumaachi dubartoonni mana barnootaa keenya keessattis ta’e sadarkaa biyyaatti taasisaa jiran guddaa ta’uu ibsaniiru.
Sagantaa kana irrattis barattoota shamarraniin taphoonni garagaraa, walaloo, marii, gaaffii fi deebii, faaruuwwan, akkasumas duubee seenaa, kaayyoo fi barbaachisummaa guyyaa kanaa irratti dhiheessiin barsiistuu Haayimanot Waaqjiraan dhiyaachuun kabaji ayyaanichaa haala ho'aan kabajamee ooleera.