Berhan Blind Boarding Secondary School
Home Gabaasa Kurmaana 3ffaa

Gabaasa Kurmaana 3ffaa

06th April, 2025

Gamaggamni raawwii hojii Ji’oota 9 adeesiame.

(Bitootessa 27, 2017) Mana barumsaa Bultii Qaroo- Dhabeeyyii Birahaan sardarkaa 2ffaatti waltajjiin gamaggama raawwii hojii ji’oota 9 Daayireektaroota,Barsiisota,hojjettota bulchiinsaafi Bakka bu’ota barattootaa hirmaachise adeemsifame.

Waltajjii kanaanis sanadootni sadii mariif kan dhiyaatan yoo ta’u sanadi marii jalqabaa  ‘Gabaasa KPI kan ji’oota 9, Bulchiinsa gaariifi kenniinsa tajaajilaa’ irratti qophaa’e Daayirektara waliigalaa mana barumsichaa kan ta’an Aade Wubaalem Dabbabeetiin Dhiyaateera.

Sanadi marii 2ffaafi 3ffaan Hojiirra oolmaa Danbii sirma Madaallii walitti fufaafi Duubdeebii hordoffiifi Deggarsaa irratti kan xiyyeeffate Daayirektera Akkaadaamii Mana barumsichaa kan ta’an obbo Solomon Hordofaa fi Daayirektara Bulchiinsaafi Faayinaansii mana barumsichaa obbo Saffaa Warquutiin duraa duubaan dhiyaatera.

Daayirektera Akkaadaamii Mana barumsichaa obbo Solomon Hordofaa Hojiirra oolmaa Danbii sirma Madaallii walitti fufaa irratti yaada kennaniin biiroon barnootaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee qajeelfama  sirma Madaallii walitti fufaa haaraa manneen barnootaaf gulantaa jiraniin hojiirra akka oolchaniif manneen barnootaaf qaqqabsiisuu isaan wal qabatee nus akka mana barumsaa keenyaatti hojiirraa oolchuuf dursinee hubannoo uumuufi qooda fudhattootaaf adeemsa hojiirra oolmaasaarratti yaada wal jijjiiruuf sanadi marii kun dhiyaate jedhan.

Dabalataanis  fiixa ba’iinsa hojii kanaaf Koreen sirna qormaataafi madaallii hojiilee qophii qormaataa irraa eegalanii hanga xumuraatti jiran hordofuufi adeemsa isaa sakatta’uun qulqullina hojii kanaaf ga’een inni taphatu olaanaa ta’uu isaa ibsuun barsiisotnis kana hojii irra oolchuun shoora gama isaaniitiin jiru akka ba’atan dhaamaniiru.

Sanada marii 3ffaa dhiyeessuun maricha irratti haasaa kan taasisan obbo Saffaa Warquu kurmaana 3ffaa keessa hojiin gama hordoffiifi Deggarsaan ture boonsaa ta’uu ibsuun hojii Kanaan qooda fuudhattota hunda biratti miira karooraan hogganamuu, qindoominaan hojjechuu,qabiinsa odeeffannoo fooyyessuufi haala hojii isaaniitiin hojjettota sadarkeessuu danda’uun bu’aawwan argaman keessaa ta’uu eeraniiru.

 Itti dabaluunis hojiin hordoffiifi deggarsaa milkaa’iinsa hojiitiif faaydaa inni qabu daran olaanaa waan ta’eef akka  hojii dabalataatti ilaaluu dhiisuudhaan duubdeebii hordoffiifi deggarsaa battalumatti foyyeessuun fiixa ba’iinsa hojii keenyaaf itti fayyadamuu qabnas jedhaniiru. 

Waltajjicha irratti gaaffiifi yaadota hirmaattota biraa ka’aniif Daayirektarri walii galaa mana barumsichaa yaada xumuraa hirmaattootaaf kaasaniin hojiin kun kan waloo keenyaa ta’uu isaa hubattanii shoora ba’attaniif galata qabdu jechuun gara fuulduraattis kana caalmaatti hojjechuun ammoo mul’ata dhaabbatichaa daran baasanii milkeessuu waan ta’eef, cimnee hojjechuu qabna jechuun dhaamaniiru.

Dhumarratti raawwii hojii kurmaana 3ffaa keessatti namoota Muummeewwaniifi Fooramii gitaa keessatti adda duree ta’aniif waraqaan beekamtiifi galataa kennameera.

የ9 ወር የስራ አፈጻጸም ግምገማ ተካሂደ::

(መጋቢት 27, 2017)  በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ  ብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት  የ9 ወር የስራ አፈጻጸም ግምገማ  ዳይሬክተሮች፣መምህራን፣የአስተዳደር ሰራተኞች እና የተማሪዎች ተወካዮች በተገኙበት ተካሂደ።

በመድረኩ ሶስት ሰነዶች ለውይይት ቀርበዋል ሲሆን የመጀመርያው የውይይት ሰነድ 'የ9 ወር የKPI ሪፖርት፣ የመልካም አስተዳደር እና የአገልግሎት አሰጣጥ' በሚል ርዕስ በትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር ወ/ሮ ውብአለም ደበበ ቀርቧል።

2ኛ እና 3ኛ የውይይት ሰነድ ያተኮሩት  የተከታታይ መዘና ስርዓት ትግበራ እና የክትትልና ድጋፍ ግብረ መልስ ላይ ያተኮረ ሲሆን  የትምህርት ቤቱ አካዳሚክ ዳይሬክተር በአቶ ሰለሞን ሆርዶፋ እና በትምህርት ቤቱ አስተዳደርና ፋይናንስ ዳይሬክተር በአቶ ሳፋ ዋርቁ ቀርቧል።

የትምህርት ቤቱ አካዳሚ ዳይሬክተር አቶ ሰለሞን የተከታታይ መዘና ስርዓት ትግበራ  አፈፃፀም ላይ አስተያየት ሰጥተዋል።

 አዲሱ የተከታታይ ምዘና ስርዓት  በትምህርት ቤቶች እየተተገበረ መሆኑን ገልጸው የውይይት ሰነዱ በአፈፃፀሙ ላይ ሀሳብ ለመለዋወጥ ቀርቧል ብለዋል።

በተጨማሪም ኮሚቴው ከፈተና ዝግጅት ጀምሮ እስከ መጨረሻው ድረስ ያለውን የፈተናና የምዘና ስርዓት በመከታተል ለሥራው ጥራት ከፍተኛ ሚና ይጫወታልም ብለዋል።

3ኛውን የውይይት ሰነድ ያቀረቡት አቶ ሳፋ ወርቁ እንደተናገሩት በ3ኛው ሩብ አመት በክትትልና ድጋፍ የተከናወነው ስራ የሚያኮራ ሲሆን የስራው ውጤትም የዕቅድ ስሜት፣ ቅንጅት፣ የመረጃ አያያዝ እና የሰራተኞች ደረጃ አሰጣጥ   በዝህ ስራ የገኘናቸዉ ብሏል፡፡

አክለውም የክትትልና ድጋፍ ስራ ለስራው መሳካት ትልቅ ፋይዳ ያለው በመሆኑ እንደ ተጨማሪ ስራ ልንመለከተው ሳይሆን ወዲያው የክትትልና የድጋፍ አስተያየቶችን በማሻሻል ለስራችን መሳካት ልንጠቀምበት ይገባል ብለዋል።

የትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር ተሳታፊዎች ላደረጉት አስተዋፅኦ አመስግነው በቀጣይ የተቋን ራዕይ ለማሳካት በትኩረት እንዲሰሩ አሳስበዋል።

በመጨረሻም በ3ኛ ሩብ አመት የስራ አፈፃፀም ግንባር ቀደም ለሆኑት የእውቅና እና የምስጋና ሰርተፍኬት ተሰጥቷል።

.

Copyright © All rights reserved.

Created with