Bitootesss 17, 2017 Biiroo barnoota bulchiinsa Magaala Finfinnee; Mana barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan sadarkaa 2ffaatti leenjiin mata duree "Faayidaa Af-heddummaan barnoota keessatti qabu" jedhu kan muummee Afaan Oromootiin qophaa'e; barsiisotaafi hojjettoota bulchiinsaa mana barumsihaatiif mana barumsichaatti barsiisaafi miseensa muummee Afaan Oromoo kan ta'an barsiisaa Tashoomee Tolaatiin kenname.
Leenjii kanaanis faayidaawwan Af-heddummaan gama aadaa, dinagdeefi hawaasummaatiin qabu hedduu ta'uufi qooddattoota fayyadichaa ta'uuf of qopheessuu qabxiiawan jedhaman kaafamaniiru.
Daayirektara Bulchiinsaafi Faayinaansii mana barumsichaa kan ta'an obbo Saffaa Warquu haasaa xumuraa leenjicha irratti taasisaniin qopheessitoota leenjichaa galateeffachuun, leenjiin muummee kanaan qophaa`e kun itti fufiinsaan irratti hojjetamuu kan qabuudhas jedhaniiru.