(Adoolessa 16, 2017 )Biiroo barnoota bulchiinsa Magaala Finfinnee mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan Sadarkaa 2ffaatti dhaabbata ‘Salam Education Center’ irraa deggarsi tajaajila qulqullinaa barattoota shamarraniif oolu taasifame.
Hoji geggeessituufi hundeessituu giddu galichaa kan ta’an aadde Salaam Badhaadhaa, dhaabbati isaanii hojii tola ooltummaa irratti bobba’ee dhaabbilee barnootaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa kan jiru ta’uufi addumaan ammoo barattoota fedhii addaa barbaadaniif deggarsa gara gara taasisuu irratti argama jedhan.
Itti dabaluunis, deggarsa gochuuf qabanne qaqqabamaa gochuuf hojii hojjetaa jirru keessatti mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaanittis meeshaalee qulqullinaafi uffata jalaa barattoota shamarraniif oolan kan tilmaama qarshii 65,000tti tilmamamu taasifneerras jedhaniiru.
Aadde Salaam qaamolee deggarsa kana akka taasisaniif balabala isaaniif banan hunda galateeffatanii, dhaabbanni isaanii gara fuulduraattis mana barumsichaa waliin hojjechuuf qophii ta’uu ibsan.
Mana barumsichaatti Daayirektara Akkaadaamii kan ta’an obbo Solomoon Hordofaa deggarsa dhaabbata ‘Salam Education Center’ irraa mana barumsichaaf taasifameef galateeffatanii, mooraa mana barumsichaas daawwachiisaniiru.
(ሐምሌ 16, 2017) በአዲስ አበባ ከተማ አስቴዳደር ትምህረት ቢሮ ብርሃን አይነ ስዉራን አዳሪ ትምህርት ቤት ሰላም ኤዱኬሽን ሴንተር ለልጃገረድ ተማሪዎች ንፅህና መጠበቅያ አገልግሎት የሚዉል ድጋፍ አበረከተ፡፡
የማዕከሉ ዋና ስራአዝክያጅና መስራች የሆኑት ወይዘሮ ሰላም በዳዳ ድርጅታቸው በበጎ ፍቃድ ስራ ላይ ተሰማርቶ በትምህርት ተቋማት ላይ ትኩረት ሰጥቶ እየሰራ ሲሆን ልዩ ፍላጎት ላላቸው ተማሪዎችም የተለያዩ ድጋፎችን እያደረገ መሆኑን ተናግረዋል፡፡
በተጨማሪም ድጋፉን ተደራሽ ለማድረግ ባደረግነው ጥረት በብርሀን አይነስዉዉን አዳሪ ትምህርት ቤት 65,000 ብር በሚገመት ወጪ ለልጃገረዶች የንፅህና መጠበቂያ ዕቃዎች እና የውስጥ ሱሪ ድጋፍ አድርገናል ያሉት ወ/ሮ ሰላም ለዚህ ድጋፍ በራቸውን የከፈቱላቸዉን ሁሉ አመስግነው ወደፊትም ድርጅታቸው ከትምህርት ቤቱ ጋር ለመስራት ዝግጁ መሆኑን ተናግረዋል።
የት/ቤቱ አካዳሚክ ዳይሬክተር አቶ ሰለሞን ሆርዶፋአ ሰላም ኤዱኬሽን ሴንተር ለትምህርርት ቤቱ ላደረገው ድጋፍ አመስግነው የትምህርት ቤቱን ግቢ አስጎብኝተዋል።





.