Daawwannaa
(Adoolessa 15, 2017) Biiroo barnoota bulchiinsa Magaala Finfinnee mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaanitti dhaabbati ‘Mastercard Foundation Scholars Program at the University of Gondar’ jedhamuun daawwaannaa taasise.
Daawwanna kanaanis adeemsa baruufi barsiisuu barattoota qaro-dhabeeyyii irratti xiyeeffate milkeessuuf hojjiiwwan hojjetamaniifi bu’uuraalee misoomaa gama tekinoloojiitiin jiran irraa xiyyeeffannoo mootuummaan qaamaan miidhamtootaaf kennaa jiru olaanaa ta’uu agarsiisa jedhaniiru.
‘Mastercard Foundation Scholars Program’ kan Yunivarsiitii Goondar keessatti gaggeeffamu, dargaggoota barnootaan cimoo ta’aniifi rakkoo diinagdeetiin miidhaman deeggaruuf kan kaayyeffateefi sagantaa yeroo dheeraafi maallaqa guutuun deeggaramu ta’ee, dargaggoota Itoophiyaafi biyyoota Baha Afrikaa keessaa filaman, keessattuu qaamaan miidhamtoota, carraa barnootaa olaanaa akka argatan gochuuf kan qophaa’e ta’uus daawwattoonni himaniiru.
Daawwaannaa isaaniitiinis dhaabbati isaanii muuxannoo argate hojiitti hiikuun kan itti hojjetu ta’uufi mana barumsichaa waliinis walitti hidhamiinsaan akka hojjetu himuun simannaa mana barumsichaatiin taasifameefis galateeffataniiru.
Daayirektara Akkaadaamii mana barumsichaatti kan ta’an obbo Solomoon Hordofaa daawwannaa ‘Mastercard Foundation Scholars Program’ kan Yunivarsiitii Goondar mana barumsichaatti taasiseef galateeffatanii dhaabbilee lamaanuu wanti walfakkeessuufi waliin hojjechuu dandeessisu xiyyeeffannoo isaan qaamaan miidhamtoota irratti qaban ta’uufi manni barumsaa isaaniis barattota qaro-dhabeeyyii barsiisuu iiratti fuulleeffateechaan uumameef galateeffataniiru.
ጉብኝት
(ሐምሌ 15 ቀን 2017) በጎንደር ዩኒቨርሲቲ የማስተርካርድ ፋውንዴሽን ስኮላር ፕሮግራም ሰራተኞችና ተማሪዎች በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ብርሃን አይነስዉራን አዳሪ ትምህርት ቤትን ጎበኙ።
ጉብኝታቸው የአይነስዉራን ተማሪዎችን የመማር ማስተማር ሂደቱን የተሳካ ለማድረግ የተሰሩት ስራዎች ለይ የተኮሬ ስሆን የሉት የቴክኖሎጂ መሠረተ ልማቶችም መንግሥት ለአካል ጉዳተኞች ከፍተኛ ትኩረት የሚሰጠዉ መሆኑንም ያሳያል ብለዋል።
በጎንደር ዩኒቨርሲቲ የማስተርካርድ ፋውንዴሽን ስኮላር ፕሮግራም የረዥም ጊዜ እና ሙሉ የገንዘብ ድጋፍ የሚደረግ መርሃ ግብር ስሆን ከኢትዮጵያ እና ከምስራቅ አፍሪካ ሀገራት ለተመረጡ ወጣቶች በተለይም ለአካል ጉዳተኞች ከፍተኛ የትምህርት እድል ለመስጠት ታስቦ የተዘጋጀ መሆኑን ጋልፀዉ ተቋማቸዉ በጉብኝቱ ያገኘውን ልምድ ተግባራዊ የሚያደርግ ሞሆኑና ከትምህርት ቤቱ ጋር በቅንጅት እንደሚሰራ ተናግረው ትምህርት ቤቱ ላደረገላቸው አቀባበል አመስግነዋል።
የት/ቤቱ አካዳሚክ ዳይሬክተር አቶ ሰለሞን ሆርዶፋ የማስተርካርድ ፋውንዴሽን ስኮላር ፕሮግራም ትምህርት ቤቱን ለጎበኘው ምስጋና አቅርበዉ ሁለቱን ተቋማት የሚያመሳስለቸዉ አካል ጉዳታኖች ላይ ትኩራት አድርጎ መስራታቸዉ በመሆኑ ለቀጣይ በጋራ ለመስራት ማስተርካርድ ፋውንዴሽን ስኮላር ፕሮግራም ስለተፈጠረላቸዉ እድል አመሰግነዋል፡፡





.