Calaqqeen Qorannoo Gochaa Adeemsifame
Waxabajji 10 , 2017 Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaanitti Qorannoon gochaa barattoota mana barumsichaa irratti barsiisota Muummee ‘HPE’tiin adeemsifame irratti calaqqeen dhiyaateera.
Saganticha irratti Daayirektaroonni, Koreen Qorannoo gochaa mana barumsichaafi barsiisotni argamaniiru.
Baniinsa sagantichaa irratti Daayirektarri akkaadaamii mana barumsichaa obbo Solomon Hordofaa haasaa taasisaniin, barsiisotni keenya rakkoo naannoo baruufi barsiisuu jiru arguu qofa osoo hin taane furmaata rakkichaa fiduufis tarkaanfiiwwan fudhatamaniifi jijjiiramoota argaman kan itti ilaallu ta’uu isaatiin qorannoon gochaa dhiyaachaa turaniifi har’a taasifamaa jiru kun agarsiistuu ta’uu ibsanii, gareenis ta’ee dhuunfaan qorannoo gochaa hojjetaman ni jajjabeessina jedhaniiru.
Qorannoo Gochaa kana kan dhiyeessan barsiisaa Siimaachaw Taaddasee qorannichi kan muumee HPEtiin waloomaan hojjetame yoo ta’u rakkinoota turaniifi akkamitti furuuf akka hojjetan, dhumarrattis jijjiirama argame saayinsii qorannoofi barnootichaa eeguun walcina deemsisuu isaanii dubbatan
Daayirektarri walii galaa mana barumsichaa haasaa xumuraa taasisaniin barsiisotni hojii barsiisuun alatti rakkoowwan baruu barsiisuu furaa deemuuf qorannoon gochaa murteessaa ta’uu erga dubbataniin booda, qaamolee haga ammaatti qorannoo isaanii adeemsisaa turuun dhiyeessaniifi koree qorannoo gochaa mana barumsichaa itti gaafatmummaa isaanii ba’achaa jiran galateeffatanii, qaamolee qorannoo adeemsisaa turan kanaaf bifa addaan sagantaa qabannee beekamtii ni laannaa jedhaniiru.





በተግባራዊ ጥናትና ምርምር ላይ ጸብራቃ ተካሄደ፡፡
ሰኔ 10, 2017 በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ በብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት የ‘HPE’ መምህራን ባደረጉት የተግባራዊ ጥናትና ምርምር ላይ ጸብራቃ የረበ ስሆን በመረሐ-ግብሩ ላይ ዳይሬክተሮች, የትምህርት ቤቱ የተግባራዊ ጥናትና ምርምር ኮሚቴ እና መምህራን ተገኝተዋል.
በበመረሐ-ግብሩ መክፈቻ ላይ የትምህርት ቤቱ አካዳሚ ዳይሬክተር አቶ ሰለሞን ሆርዶፋ እንደተናገሩት በዛሬው እለት የቀረበው የተግባር ጥናት መምህራኖቻችን በመማር ማስተማሩ ዙርያ ያጋጠማቸዉን ችግር ከማየት ባለፈ መፍትሔ ላማስቀመጥ የተወሰዱ እርምጃዎችን እና ለውጦችን ማዬት እነድንችል ለማድረጉ እስከ-አሁን የተሰሩትም ሆኔ ዛሬ የሚቀርበዉ ማሳያናቸዉ ብለዋል።
የተግባር ጥናትና ምርምር ያቀረቡት መምህር ስማቻው ታደሰ ጥናቱ የተካሄደው የHPE መምህራን በጋራ በመሆን የሰሩት ስራ መሆኑን ገልጾ የነበሩት ችግሮችና እንዴት መፍታ እንደ ሞከሩ፣ እንዲሁም የመጣዉን ለዉጥ የተግባራዊ ጥናትና ምርምርና የሳይንስን በማስቀጠል የተገኙ ለውጦችን ሠርተዋል ብለዋል።
የትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር በማጠቃለያ ንግግራቸው እንደተናገሩት መምህራን ከመማር ማስተማር ባለፈ የመማር ማስተማር ችግሮችን ለመፍታት የተግባር ጥናትና ምርምር ወሳኝ ነው በማለት እስካሁን ጥናታቸውን ሲያካሂዱ ለነበሩ አካላት እና የተግባራዊ ጥናትና ምርምር ኮሚቴን አመስግነዋል።
.