መጋቢት 3, 2017 በብርሃን የአይነስዉራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ትምህርት ቤት 2017 ዓ.ም በመጀመሪያ መንፈቅ ከፍተኛ አፈፃፀም ላስመዘገቡ መምህራን ፣ የአስተዳደር ሰራተኞች እና ተማሪዎች እውቅና ተሰጥቷል ።
የእውቅና ስነ ስርዓቱን የከፈቱት የትምህርት ቤቱ ዳይሬክተር የሆኑት ወይዘሮ ውብአለም ደበበ እንደገለፁት የእውቅና ስነ ስርዓቱ የተሻለ አፈጻጸም ላስመዘገቡና በት/ቤታችን ካሉት ሰራ ዘረፎች ላይ ግንባር ቀደም ለሆኑት እውቅና ለምስጠት ነዉ ብለዋል፡፡
በተጨማሪም እንደ ትምህርት ቤታችን የተሰራው ስራ ሁሉንም የሚያስመሰግን ስራ ቢሆንም በዚህ መንፈቅ ዓመት አፈጻጸም ባለዉ ትንሽ ልዩነት ጥቂት ሰዎች ስም ቢጠሩም የተሰራው ስራ የጋራ መሆኑን ተናግረዋል፡፡
የእውቅና እና የሽልማት መርሃ ግብሩ መምህራን፣ የአስተዳደር ሰራተኞች እና የላቀ ውጤት ያስመዘገቡ ተማሪዎች ይገኙበታል።
---------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------------
Bitootessa 3, 2017 M/B Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan Sad. 2ffaatti hojii bara 2017, kan semesteera 1ffaa ilaalchisee, barsiisota, hojjettoota bulchiinsaa fi barattoo raawwii hojii olaanaa qabaniif beekamtiin kennameera.
Sirna beekamtii kennuu kana irratti haasaa baniinsaa kan godhan Daayirektarri mana barimsichaa aadde Wubaalem Dabbabee, sirni beekamtii kun Gitoota hojii gara garaa irratti namoota hojii isaanii ciminaan hojjetanii fi raawwii olaanaa qaban kan badhaafnuudha jedhan.
Dabalataanis, hojiin akka mana barumsaa keenyaatti hojjetame hojii boonsaafi nama hundumaa galateeffachiisu ta’us madaallii raawwii hojii sem. 1ffaatiin namootni muraasni maqaan dha’amus hojiin hojjetame garuu kan walooti jedhaniiru.
Sagantaa beekamtii fi badhaasaa kana keessatti kan haammataman barsiisota, Hojjettoota Bulchiinsaa fi Barattoota yoo ta’an, Barsiisotni akka muummeetti adda duree ta’an, hojjettoonni bulchiinsaa Fooramii Gitaa keessaa raawwii olaanaa qabaniifi barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan akkasumas hojjettoonni hojii isaaniin cinaatti qaawwa hojii jiru cufuuf dhamaatiin hojjechaa turan ta’uunis ibsameera.