(ምያዚያ 06, 2017) በአዲስ አባባ ከተማ አስተዳደር ት/ቢሮ ብረሃን የአይነ ስዉራን ኣዳሪ 2ኛ ደረጃ ትምህርት ቤት የልዩ ፍላጎት ተማሪዎች የመማር ማስተማር ሂደት ላይ የአቅም ግንባታ ስልጠና ለሁሉም የብርሃን 2ኛ ደረጃ ማህበረሰብ ተሰጠ።
በስልጠናው የመክፈቻ ንግግር ያደረጉት የትምህርት ቤቱ ዋና ዳይሬክተር ወይዘሮ ውብአለም ዳበበ እንዳሉት በግቢው የሚሰጡ ስልጠናዎች ራስን ማጠናከርና ራስን ማሻሻል ላይ ያተኮሩ ናቸዉ ብለዋል፡፡
በተጨማሪም በስልጠናው መጨረሻ ሁሌም ውጤትና ለውጦች የሚጠበቁ ሲሆን ሁሉም ተሳታፊዎች ለስልጠናው ትኩረት በመስጠት ያገኙትን ግንዛቤ እና እውቀት በመደበኛ ስራቸው እንዲጠቀሙ መልዕክት አስተላልፈዋል፡፡
ስልጠናው የተሠጠው 'Aptation and Accommodation'' በሚል ርዕስ ሲሆን ስልጠናዉን የሰጡት የትምህርት ቤቱ የልዩ ፍላጎት ባለሙያና መምህር የሆኑት አቶ ከድር ራዲ እና ‹ ሞቢሊቲ › ባለሙያ የሆኑት አቶ ዳረጄ ጋዲሳ ናቸው።
ልዩ ፍላጎት ያላቸውን ተማሪዎች ከሌሎች ተማሪዎች ጋር እኩል ተወዳዳሪ ለማድረግ የትምህርት ስርዓቱን ፣የትምህርት አካባቢን እና የትምህርት ድጋፍ ቁሳቁሶችን ወደ ልዩ ፍላጎት ተማሪዎች ትምህርት አቀባበል ሁኔታ ማስተካከል እንደሚያስፈልግ መምህር ከድር ራዲ ተናግረዋል።
አክለውም እንደ ትምህርት ቤታችን እየተማሩ ያሉት ተማሪዎች ዓይነ ስውራን በመሆናቸዉ እነዚህን ተማሪዎች ለማስተማር፣ ለመመዘን እና ግብረ መልስ የምንወስድባቸው መንገዶች ሁሉ አይነ ሰዉራን ላልሆኑ ተማሪዎች የምንጠቀምባቸው መሆን የለባቸዉም ብለዋል።
የ ሞብሊቲ ባለሙያዉ ቶ ደረጄ ጋዲሳ ኦረንቴሽን እና ተንቀሳቃሽነት አካል ጉዳተኞች የት እንዳሉ፣ የት መሄድ እንደሚፈልጉ እና እንዴት አሳማኝ እና ደህንነቱ በተጠበቀ መልኩ እንዲሄዱ በማሰልጠን ላይ ያተኩራልምነዉ ያሉት ።
ተማሪዎቹ የመማሪያ አካባቢን፣ የመማሪያ ክፍሎችን እና ሌሎችን ከተለማመዱበት መንገድ ውጪ መቀየር አስፈላጊ እንዳልሆነም አክለዋል።
Ebla 06, 2017 Biiroo barnoota magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Bultii Qaro Dhabeeyyii Birahaan Sadarkaa 2ffaatti Lenjiin ijaarsa dandeettiii kan adeemsa baruufi barsiisuu battoota Qaro-Dhabbeeyyii irratti xiyyeeffate hawaasa mana barumsaa bultii Qaro-Dhabbeeyyii Birahaan sadarkaaa 2ffaa maraaf kenname.
Leenjii kana irratti haasaa saaqiinsaa kan taasian Daayirektarri walii gala mana barumsichaa Adde Wubaalem Dabbabaa, leenjiin mooraa kana keessatti kennaman, galmi isaa of cimsuufi of ga’oomsuu giddu galeessa kan godhate, akkasumas gama kamiinuu hojii baruufi bariisuu adeemsifnuuf ga’umsaafi beekumsa addaa horachuun fiixa ba’iinsa hojii keenyaaf milkii haaraa qabaata jedhaniiru.
Dabalataanis, yoomiyyuu xumura leenjiitti bu’aafi jijjiiramni ni eegama waan ta’eef leenjii isiniif kennamu kanaan hubannoofi beekumsa achirraa argataniin hojii isaanii idilee keessatti maayii itti ba’uu akka danda’aniif xiyyeffannoon hordofuu akka qaban hirmaattoa maraan Imaanaa jedhaniiru.
Leenjichi kan kenname mata ‘ Adaptation and accommodation” jedhurratti yummuu ta’u, leenjichi Mana barumsichaatti ogeessa fedhii addaa akkasumas mana barumsichaatti barsiisaa kan ta’an obbo Kadir Radii fi ogeessa ‘moobilitii’ kan ta’an obbo Darajjee Gaaddisaatiin kennameera.
Barsiisaa Kadir Radii leenjiicha keessatti yaadota kaasaniin, barattoota fedhii addaa barattoota kanneen biroon walqixa dorgmaa taasisuuf sirna barnootaa, Naannoo barnootaafi Meeshaaee deggarsa barnootaa haala fudhannaa barattoota fedhii addaa barbaadaniitti madaksuun dirqama jedhaniiru.
Itti dabaluunis akka mana barumsaa keenyaatti, baattonni jiran qaro dhabeeyyii waan ta’aniif malootni nuti barattoota kana barsiisuuf, madaaluufi deebii irraa fudhachuuf itti fayyadamnu marti bifa ittiin barattoota Qaro-Qabeeyyii biratti amaleeffanneen waan hin taaneef maloota birootti madaquufi of gahoomsuun murteessaa ta’uu ibsan.
Ogeessi Moobilitii obbo Darajjee Gaaddisaa leenjicharratti akka ibsanitti, ‘orientation and Mobility’n Qaro-dhabeessi tokko eessa akka jiru, garam deemuu akka fedhuufi akkamitti deemuu aka qabu bifa amansiisaafi balaarraa bilisa ta’een ofitti amanamummaadhaan akka raawwatan leenjisuu irratti xiyyeeffata jedhan.
Itti dabaluunis barattonni kun bakkaafi haala isaan amaleefataniifi shaakalaniin alatti nannoo barnootaa, daree barnootaafi kanneen biroo jijjiiruun babaachisaa akka hin taaneefi mallattoolee isaan sochiif itti fayyadaman mara iddoo kaasuun miidhaaf kan isaan saaxiluufi ofitti amanamummaa isaanii kan hir’isu ta’uu kaasuun naannoo barnootaa mijataa gochuu qabnas jedhaniru.