(ሚያዚያ 6/2017 ዓ.ም) በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ በብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት የሰኞ ማለዳ ከስራ ሰዓት መግቢያ በፊት የሚዘጋጀው የመምህራንና ሰራተኞች የዕውቀት ሽግግር መርሀ ግብር የተካሄደ ሲሆን በመድረኩ የት/ቤቱ ዳይረክተሮች፣ መምህራንና ሰራተኞች ተሳታፊ ሆነዋል።
በመረሓ-ግብሩ ላይ በት/ት ቤቱ የታሪክ መምህር የሆኑት መ/ር አስፋዉ ከበደ ‘የታሪክ ትርጉም እና ጠቀሜታ ’ በሚል ርዕሰ እውቀታቸውን አካፊለዋል፡፡
በእውቀት ሽግግሩም የዓለም ታሪክ ተመራማሪዎች እና ምሁራን ያነሷቸውን ትርጓሜዎችን በመጠቀም የታሪክ ፍቺዎችን አብራርተዉ ታሪክ ያለፈውን ከመመርመርና ከመተረክ ባለፈ ብዙ ጥቅሞችን ይዟል ሲሉ ተናግረዋል።
የዓለም ክስተቶችን በቅደም ተከተል ያስቀምጣል እናም ያለፈውን, የአሁኑን እና የወደፊቱን ለመተንበይ የሚያገለግል መሆኑን ባጋሩት እውቀት ገልፀዋል።
ታሪክ ለአንድ ሀገር ያለውን ጥቅም ሲያብራሩ ካለፈው መማር ዛሬ ላለንበት ሁኔታ ግብአት ለማግኘት አመላካች መሆኑ፣ የማሰብ እና የመተንተን አቅም መጨመሩን፣ እንዲሁም ለአዲሱ ትውልድ ታሪክን ማስቀመጥ፣ እና ያለፈውን እና የአሁኑን ትውልድ ማስተሳሰር እንደሆነም በእውቀት መጋራት መርሃ ግብሩ ላይ ግንዛቤ ሰጥተዋል፡፡
በመጨረሻም ከቤቱ በተነሱ ጥቂት ሀሳቦች ላይ ሃሳብ በመለዋወጥ ፕሮግራሙ ተጠናቋል።
Ebla 6, 2017 Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Bultii Qaro Dhabeeyyii Birahaan sadarkaa 2ffaa tti Sagantaa beekumsaa ceesisuu wiixata ganamaa sa'aatii hojiin duraa kan dura bu’uuta mana barumsaa, barsiisotaa fi hojjettoota bulchiinsaa hirmaachise gaggeeffame.
Sirna kana irratti barsiisaan seenaa mana barumsichaa obbo Asfaaw Kabbadee mata duree ‘Hiikaa fi barbaachisummaa Seenaa’ jedhuun beekumsa qaban qoodaniiru.
Hiika seenaa hayyoonni seenaa addunyaa fi beektonni seenaa kennan fayyadamuun kan ibsan yoo ta’u, seenaan, seenaa darbe qorachuu fi seenessuu bira darbee bu’aa hedduu qaba jedhan.
Seenaan taateewwan addunyaa walduraa duubaan kan kaa’u yeroo taʼu, wanta darbe, kan ammaa fi gara fuulduraa tilmaamuuf akka itti fayyadamu qoodan.
Faayidaa seenaan biyya tokkoof qabu ibsuun, sagantaa beekumsa waliif qooduu kana irratti hubannoo kan kennan yoo ta’u, yeroo darberraa barachuun haala irra jirruuf galttee godhachuuf akkeektuu yoo ta’u, dandeettii yaaduu fi xiinxaluu akka dabalu, akkasumas seenaa dhaloota haaraaf kunuunsuun dhaloota darbee fi kan ammaa walitti hidhuu akka ta’e hubannoo kennaniiru.
Dhumarrattis qabxiiwwan muraasa mana keessaa ka’an irratti yaada waljijjiiruun sagantichi xumurame.