ፌስቲቫሉ አካል ጉዳተኞችን በስፖርቱ ዘርፍ ተወዳዳሪ ማድረግን አላማ አድርጎ የተዘጋጀ ሲሆን በስፖርት ፌስቲቫሉ ላይ የስፖርትና ቱሪዝም ሚንስተር ተወካዮች፣ በኢትዮጵያ የጣሊያን አምባሳደር እንዲሁም የፓራ ኦሎምፒክ ፌዴሬሽን ፕሬዝዳንት ተገኝተው መልዕክት አስተላልፈዋል፡፡
የብርሃን አይነስውራን አዳሪ ትምህርት ቤት ተማሪዎችም በትምህርት ቤቱ ‘ጤሰማ’ ትምህርት ክፍል መምህራን ባደረጉላቸው ድጋፍና ክትትል በ“ኢታሊያን ካልቸራል ኢንስቲቲዩት” ሜዳ ላይ በእግር ኳስ ውድድር ተሳትፈዋል።
በፌስቲቫሉ ላይ ተማሪዎቹ የተለያዩ ችሎታቸውን በማሳየት የትምህርት ቤቱን ስም ከማስጠራት ባሻገር ለሌሎች አካል ጉዳተኞችም ሆነ ለራሳቸዉ በራስ መተማመን እና የተወዳዳሪነት ስሜት የፈጠረነዉ ሲሉ በፌስቲቫሉ ላይ የተገኙት የትምህርት ቤቱ ጤሰማ ትምህርት ክፍል መምህራን ተናገሩ፡፡
(Fulbaana 13/2018) Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti barattoonni Mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan Feestivaala Ispoortii Qaama Miidhamtootaaf Imbaasii Xaaliyaaniitiin qophaa'e irratti hirmaatan.
Feestivaalichi qaamaan miidhamtoota damee ispoortiitiin dorgomaa taasisuu kaayyeffatee kan qophaa'e yoo ta’u, bakka bu’oonni Ministeera Ispoortiifi Tuurizimii, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Xaaliyaaniifi Pireezidaantiin Federeeshinii Paaraa-Olompikii feestiivaala ispoortii kana irratti argamuun ergaa dabarsaniiru.
Barattoonni Qaro-Dhabeeyyii Mana Barumsaa Bultii Qaro-Dhabeeyyii Birahaan deggersaafi hordoffii barsiisota Muummee ‘HPE’ mana barumsichaatiin taasifameefiin dirree ‘Italian Cultural Inistitute’ keessatti tapha kubbaa miilaa irratti hirmaataniiru.
Barattoonni feestivaalicha irratti tapha kubbaa miilaa irratti hirmaatanis ga’umsa isaanii gama Ispoortiitiin qaban agarsiisuudhaan, mana barumsichaa kan waamsisan yoo ta’u, qaama miidhamtoota biroo ofii isaaniitiif miira ofitti amanamummaafi dorgomtummaa akka horatan kan gargaau ta’u, barsiisonni Muummee barnoota Fayyaafi Jabeenya qaamaa mana barumsichaa feestiivaalicha irratti hirmaatan himaniiru.


.