(ሚያዝያ 26/2018 ዓ.ም — አዲስ አበባ) በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ ስር በሚገኘው በብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ ትምህርት ቤት፣ የትምህርት ቤቱ ዳይሬክተሮችን፣ መምህራንና የአስተዳደር ሰራተኞችን ያሳተፈ የሰኞ ማለዳ የዕውቀት ሽግግር መርሐ-ግብር ተካሂዷል። በመርሐ-ግብሩ ላይ መምህር አበበ ተሰማ "የሰው ልጅ የፍላጎት ደረጃዎች" (Hierarchy of Human Needs) በሚል ርዕስ ባቀረቡት ሰነድ ላይ ሰፊ ማብራሪያ በመስጠት ዕዉቀታቸዉን አጋርተዋል።
መምህር አበበ በማብራሪያቸውም ይህንን ጽንሰ-ሀሳብ በትምህርት ዘርፉና በዕለት ተዕለት የሥራ እንቅስቃሴ ውስጥ እንዴት ተግባራዊ ማድረግ እንደሚቻል በዝርዝር ያቀረቡ ሲሆን በተለይም በትምህርት ቤት ውስጥ የተማሪዎችንም ሆነ የሥራ ባልደረቦችን ሁለንተናዊ ፍላጎት ተረድቶ መሥራት ለሥራ ስኬታማነትና ለተሻለ የትምህርት ጥራት መሠረት መሆኑን አፅንዖት ሰጥተውበታል። ይህም መምህራንና የአስተዳደር ሰራተኞች በሥራ ገበታቸው ላይ ውጤታማ እንዲሆኑና የሙያ ብቃታቸውን ወደ ላቀ ደረጃ እንዲያሳድጉ ትልቅ ፋይዳ እንዳለው ገልጸዋል።
በመጨረሻም የሰውን ባህሪና ምክንያታዊ እርምጃዎችን በትክክል ለመገንዘብ እነዚህን የፍላጎት ደረጃዎች መረዳት እጅግ አስፈላጊ መሆኑን ጠቁመዉ፤ ይህም እያንዳንዱ ሰራተኛ ራሱን በማብቃትና ያሉትን ችሎታዎች በተሻለ ሁኔታ በመጠቀም ለተቋሙ ዕድገት የበኩሉን አስተዋጽኦ እንዲያበረክት የሚያስችል መሆኑንም ገልፀዋል።
(Eebila 26/2018 — Finfinnee) Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee, Mana Barnootaa Bultii Qaro-dhabeyyii Birahaanitti sagantaan daddabarsa beekumsaa Wiiaxata ganamaa daayireekteroota, barsiisotaafi hojjettoota bulchiinsaa mana barnootichaa hirmaachise kan adeemsifame yoo ta’u, saganticha irratti barsiisaa Abbabaa Tasammaa mata-duree ‘Sadarkaa Fedhii Dhala Namaa yaad-iddama Maaslow’ (Maslow's Hierarchy of Human Needs) jedhuun beekumsa isaanii qoodaniiru.
Barsiisaa Abbabaan ibsa isaaniitiin yaad-rimee kana damee barnootaafi sochii hojii guyyaa guyyaa keessatti akkamitti hojiirra oolchuun akka danda'amu bal'inaan kan dhiyeessan yoo ta'u, keessumattuu mana barnootaa keessatti fedhii waliigalaa barattootaas ta'e hiriyoota hojii hubatanii hojjechuun milkaa'ina hojiitiifii qulqullina barnootaaf bu'uura ta'uu isaa beekumsa qoodaniin ibsaniiru. Kunis barsiisotaafi hojjettoonni bulchiinsaa iddoo hojii isaaniitti bu'a-qabeessa akka ta'aniifi dandeettii ogummaa isaanii gara sadarkaa olaanaatti akka guddisaniif faayidaa guddaa akka qabus himaniiru.
Dhumarratti, amala namootaafi tarkaanfiiwwan sababa irratti hundaa’an sirriitti hubachuuf sadarkaa fedhiiwwan kanaa beekuun baay’ee barbaachisaa ta’uu himuun; kunis hojjetaan tokko dandeettii isaa fooyyeessuun madda beekumsaa ofii isaa akka ta’uufi dandeettii qabu haala gaariin fayyadamuun guddina dhaabbataatiif gumaacha mataa isaa gumaachu kan dandeessisu ta’uu isaas eeraniiru.




.