በአዲስ አበባ ከተማ አስተዳደር ትምህርት ቢሮ በብርሃን የዓይነ-ስውራን አዳሪ 2ኛ ደረጃ ት/ቤት የሰኞ ማለዳ ከስራ ሰዓት መግቢያ በፊት የሚዘጋጀው የመምህራንና ሰራተኞች የዕውቀት ሽግግር መርሀ ግብር ዛሬ(ሰኔ 9፣21047) የተካሄደ ሲሆን በመድረኩ የት/ቤቱ ዳይረክተሮች፣ መምህራንና ሰራተኞች ተሳታፊ ሆነዋል።
በመረሐ-ግብሩም በትምህርት ቤቱ የታሪክ መምህርና የብሬይል አሰልጣኝ አዲሱ እጅጉ "ትምህርት ለአይነስዉራን" በሚል ርዕስ እውቀታቸውን አካፍለዋል።
በዚህ ርዕሰ ጉዳይ ላይ የአይነስዉራን ትምህርት በሀገራችን እንዴት እነደ ጀመረና አሁን ያለበትን ደረጃ ጠቅሶ በዚህ ረገድ ስላሉት ውስብስብ ችግሮች ፣የተደረጉ ማሻሻያዎች እና ወደፊት ምን መደረግ እንዳለበት ካላቸዉ ልምድና ተሞክሯቸዉ እዉቀታቻዉን አከካፍሏል፡፡
በፖለቲካና ኢኮኖሚ፣ በቢዝነስ፣ በጠበቃና በጋዜጠኝነት ሥራ ላይ የተሰማሩ አካል ጉዳተኞች በትምህርታቸው ውጤታማ የሆኑና ለሀገሪቷ አስተዋጽኦ ያበረከቱትን ግለሰቦች በዕውቀት ሽግግሩ በምሳሌነት ጠቅሰዋል።
በተጨማሪም ብረሃን አይነስዉራን አዳሪ ትምህርት ቤት የነበሩት ችግሮችን በመቅረፍ ከቀደሙት ትምህርት ቤቶች መሻሻል ማሳየቱንና አሁንም መሻሻል ባለባቸው ጉዳዮች ላይ ትኩረት ሰጥተን ከሰራን ለሀገር የሚጠቅሙ ሰዎችን ማፍራት እንደሚቻል በመጠቆም ልምዳቸውንና እውቀታቸውን አካፍለዋል።
Sagantaan beekumsa ceesisuu adeemsifame
(Waxabajji 9/2017) Biiroo Barnoota Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Mana barumsaa Bultii Qaro Dhabeeyyii Birahaan sadarkaa 2ffaatti Sagantaa dabarsuu beekumsaa wiixata ganamaa sa'aatiin hojiin duraakan dura bu’uuta mana barumsaa, barsiisotaa fi hojjettoota hirmaachise gaggeeffameera.
Sagantaa kana irratti mana barumsichaatti barsiisaa Seenaafi Leenjisaa Bireelii Addisuu Ijjiguu mata duree “ Barnoota Qaro-Dhabeeyyii” jedhu irratti beekumsa isaanii qoodaniiru.
Mata duree kana irrattis jalqabbii Barnoota Qaro-Dhabeeyyiin walqabsiisuun seenaa darbeefi sadarkaa inni amma jiru kaasuun walxaxaawwan gama Kanaan turan, fooyy’iinsa jiruufi gara fuulduraatti maal ta’uu akka qabu irrattiyaada isaanii kaasaniiru.
Qoodiinsa beekumsaa akka addunyaatti namoota Qaro-Dhabeeyyii barnoota isaaniitiinis milkaa’anii biyyaaf bu’aa buusan eeruun akka biyya keenyaattis fakkenya guddaa warren ta’an gama Siyaasaafi Dinagdeetiin, Daldalaan, Ogeessa seeraafi gaazexeessummaa irratti hitmaachuun biyyaaf bu’aa buusaa turan akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Dabalataanis Hanqinoota turan maqsuu keessatti manni barumsaa Qaro-Dhabeeyyii Birahaan kanneen duraan turan irra fooyya’iinsa kan agarsiiseefi ammallee wantoota fooyya’uu qaban irratti xiyyeeffachuun barattoota qaro-Dhabeeyyii yoo barsiifne namoota biyyaaf bu’aa buusan Omishuun akka danda’amu muuxannoofi beekumsa qaban irraa qoodaniiru





.